Gamaggamni wixinee Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa kan bara 2010 geggeeffamaa ture goolabamee jira. Sagantichis guyyoota shaniif geggeeffamaa kan tureefi piroojektootni hojiilee qorannoo 400 ta’an dhiyaatanii irratti mariyatamuun gamaggamichi xumurameera.

Dhuma gamaggamaa kanarratti Adeemsi hojii kominikeeshiniifi paartinershiippii yaadota daarektaroota qorannoo mara biratti ka’an walitti qabuun gaaffileefi yaadota ka’an akka ka’umsaatti dhiyeessee irratti Daarektara Olaanaafi Ittaanaa Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutichaatiin durfamuun mariin hirmaattotaa bifa ho’aa ta’een taasifamuun sagantichi xumurameera.

Dhumarrattis, haasaa cuufinsaa kan taasisan Dr. Abarraa Dheeressaa gorsa Qorannoo Daarektara Olaanaa Inistiitiyuuticha yommuu ta’an haasaa cufiinsaa kana irratti qorattootni dargaggeeyyiin Naannoo keenyaa jijjiirama uummata keenyaaf cimanii akka hojjatan dhaamaniiru.