Gaggamni yaaliiwwan qorannoo xumuramanii guyyaa afuriif geggeeffamaa ture milkiin goolabame. Gamaggama kana irrattis qorannooleen xumuraman 177 dhiyaataniiru. Yaaliiwwan qorannoo bara 2009 keessa xumuramanii dhiyaatan kana irrattis mariin gadi fagoon geggeeffameera. Yaaliiwwan qorannoo xumuramanii dhiyaatan kunneenis:-  

Daarektara Qorannoo Midhaaniin   56

Daarektara Qorannoo Beeyladaan   39

Daarektara Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaan 15

Daarektara Qorannoo Qabeenya Uumamaan 19

Daarektara Qorannoo Hawaas Dinagdee fi Ekisteenshinii Qonnaan 48

 Walumaagalatti yaaliiwwan qorannoon isaanii xumuraman 177 daarektaroota adda addaarraa dhiyaataniiru.  

Qorannoolee xumuraman kana irraas qotee/horsiisee bulaa fi qaamoleen qonna irratti bobba’an fayyadamoo kan ta’aniifi qonnaa isaanii teknoolojiin deeggaramanii bu’aa barbaadan aragachuufillee kan gargaarudha.

IQQOtti gorsaa Daarektara qorannoo kan ta’an Dr. Abarraa Dheeressaa cufiinsaa sagantaa irratti argamuun qorattootaaf dhaamsa dabarsaniiru.

Dhumarrattis, sagantaa marii waliigalaa irratti Daarektara Olaanaa kan ta’an Dr. Fatoo Ismoo fi Ittaanaa Daarektara Olaanaa Dr.Asaffaa Ta’aa hirmaattoota sagantichaa waliin marii geggeessuun sagantichi xumurameera.