Horsiisee bultootni godina Booranaa teknoolojii giddugaleessa Horattootaafi Qonna Gammoojjii Yaa’abal’ootiin teknoolojiiwwan bahaniin fayyadamoo ta’uu isaanii OBN tti himan. Teknolojiiwwan fooyya’oo Hoolaa fi Re’ee haala qilleensaa gammoojjii dandamatanii bu’aa gaarii kennuu danda’an giddugaleessaarraa fudhachuun fayyadamaa akka jiran dubbatan.

Kana malees, loon Booranaa jiran tursiisuufi bu’aa barbaadamu argamsiisuu kan danda’an raaddeen fooyya’oofi korma fooyya’aa horii Booranaa kana giddugaleessicha irraa fudhachuun fayyadamaa akka jiranis ibsaniiru.

Dabalataanis,teknoolojii foyyaa’insa lafa dheedumsa horii irraas horsiisee bulaan fayyadamaa kan jiruufi rakkoo dheedumsa horii akka godinichaatti jiruufis furmaata kan argatan ta’uu himaniiru.