Guyyaan ayyaana Siivil Sarvisii qajeeltoowwan naamusaa 12’n irratti ibsi adda addaa kennamuun waxabajjii 26, 2009 haala ho’aa ta'een hojjattoota Inistiitiyuutichaatiin kabajamee oole. Akka Inistiitiyuutii keenyaattis ta’ee akka naannoo Oromiyaatti qajeeltoowwan naamusaa hubatanii hojjachuu irratti hanqinni waan jiruuf hojiilee gara fuula duraatti hojjannuuf qajeeltoowwan naamusaa kunneen hojjataa hunda biratti sirriitti hubatamee akkaataa tajaajila si’ataa itti kennuu dandeenyuun hojjataa biratti hubatamuu akka qabu Ittanaan Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Asaffaa Ta’aa ibsanii jiru. Hanqinoonni hubannoo kunis bara kana keessatti akka maqfamaniif leenjii adda addaa hojjataa siivil sarvantiif kennuun akka barbaachisus dabalataan eeranii jiru.
Dursaa Garee Ijaarsa Dandeetti fi Bulchiinsa Gaarii Inistiitiyuutichaa kan ta’an Obbo Makuriyaa H/Maraam qajeeltoowwan naamusaa irratti ibsa adda addaa erga kennaniin booda hojjattoota biraas gaaffilee fi yaadni adda addaa ka’uun irratti mariyatameera. Leenjii dhimma hubannoo qajeeltoowwan naamusa irratti kennamuun sagantichi guyyaa guutuu, adeemsifamaa turee marii hojjattoota Inistiitiyuutichaatiin xumuramee jira.