Inistitiyuutiin keenya hojii teknolojii maddisiisuu fi madaqsuu cinaattii teknolojiiwwan bu’a qabeesummaan isaanii mirkanaa’e baballisaa jiraachuun isaa ni beekkama. Haaluma kanaaniis bara oomishaa 2010/11 kana keessa Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Federaalaa fi Waajjira Miisooma Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Horrooguduruu Wallaggaa wajjiiin ta’uudhaan  karaa giddugaleessa keenya giddugaleessa qorannoo qonnaa Baaakkootiin teknolojii foyya’aa qamadii (Saannatee) aanaalee Jimmaa Raaree fi Horroo keessatti kilaastaraan babalisaa jira. Kanumaan walqabatees gaafa guyyaa 08-09/03/2011 ayyaana qonnaan bulaa aanaalee lamaan keessatti gaggeessee jira. Guyyaa ayyaana qonnaan bultootaa kana irratti kan hirmaatan Hoggantoota Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa, Hoggantoota Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Hogganaa Interpraayzii Sanyii Filatamaa Oromiyaa, Hoggantoota, Daarekterootaa fi hojjettoota Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa sadarkaa muumicha irra jiran, Hogganaa fi hojjettoota qindeessaa yuunitii guddina qonnaa Inistiitiyuutii qorannoo qonnaa oromiyaa, Hoggantootaa fi ogeessota qonnaa godina Wallaga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa, Hojjettoota Misoomaa fi qonnaan bultoota aanaalee lamaanuu irraa walitti dhufaniiti.