Leenjiin oggansaa AGP II tiin deeggaramu guyyoota lamaaf galma Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti kennamaa jira. Sagantaa guddina qonnaatti CDSF (capacity development support facility) tiin leenjiin dandeettii gabbisuu irratti barsiisaa lammii biyya Beeljiyeem kan ta’an Mr. Arthor Delabie jedhamuun leenjiin kennamaa jira.

Leenjii kanarratti kan hirmaatan daarektaroota fi abbootii adeemsaa Inistitiyyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa, akkasumas; daarektaroota giddugaleessota qorannoo fi abbootii Adeemsaa humna namaa giddugaleessota irraa dhufaniif walumaagalatti namoota 50 ol ta’an leenjicha irratti hirmaataa jiru.

Dhumarrattis, leenjii oggansaa kana booda tooftaa oggansaa  gaariin ni argama jedhamee eegama.