Sagaantaan daawwannaa giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Sinaanatti qophaa’e teknoolojiiwwan addaa addaa bu’aa Qorannoo oyiruu qonnaan bulaa irratti muddee 7/2010tti daawwatamaa oolera. Sagaantaa kana irrattis qooda fudhattoota adda addaafi qaamoleen qoranooo deeggaran irratti argamaniiru.  Sagantichas haasaa baga nagaan dhuftaniin kan eegalan geggeessaa giddugaleessichaa kan ta’an  obbo Mohaammad Bariisoo yoo ta’u; itti aansuun Dr. Asaffaa Taa’aa  itti aanaa Daarektara Olaanaa IQQOtin haasaan baniinsaa taasifamuun sagaantaan daawwannaa itti fufeera.

Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa kanta’an Dr Alamaayyoo Raggaasaa iddoo argamanittii kan gaggeefame guyyaa dirree kan irratti, geggeessaan giddugaleessichaa akka jedhanitti hundeeffama Gigaleessiichaa irraa kaasee hanga ammaatti sanyii haarawaa Midhaaniifi nyaata  horii 62 akka gadi lakkifame himaniru. Sanyiiwwan gadi lakkifaman keessaas sanyii Qamadii daabboo Sannatee fi qamadii Paastaa fi makarooniis  oyiruu qonnaan bulaa irrattii daawwatameera.

Gorsaafi deeggarsa giddugaleessichaatiinis dargaggoonii dhaabbilee barnoota olaanoo fi kolleejjota adda addaarraa eebbifamanii bahan waldaan gurmaa’aniii qamadii paastaafi makaronii giddugaleessichaan bahe omishuun bu’aa barbaadan argachaa akka jiran miidiyaalee adda addaaf ibsaniru. Guyyumaa daawwannaa kanas oyruu qotee bulaa Ganda  Alii Obbo Xaafaa Ejerees Qamadii daabboo omishaanis daawwwatameera. Sagaantaan kunis deggarsa sagantaa guddinaa Qonnaatiiin deggaramee babal’achaa kan jiru ta’uusaas himamera. 

Sagantaa dawwaannaa kana irraattii hirmaatootni 450 ol ta’n argamaniiru.