Sagantaan guddina qonnaa (AGP II) IQQO dandeettii dubartootni fayyadama teknoolojii irratti qaban cimsuuf dubartoota 167’f leenjii kenne. Leenjin kunis dubartoota adda duree, dubartoota qorattootaa fi hojjattoota dubartootaa IQQO fi giddugaleessaaf guyyaa tokkoof Giddugaleessa Qorannoo Kanniisa Hoolotaatti kenname. Leenjichas haasaa baga nagaan dhuftanii Dr.Fatoo Ismoo Daarektara Olaanaa IQQO tiin kan jalqabame yoo ta’u; leenjii kana irrattis waraqaaleen qorannoo adda addaa hirmaannaan dubartootaa teknolojii keessatti qaban daraan akka cimuuf kan gargaaran dhiyaachuun irratti maariyatameera. Jalqabarratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Dr. Daanyaachoo Lulee yoo ya’u; mata dureen qorannichaas Gender in AGP II: Projected vs Implemented’ kan jedhu dhiyeessuun hirmaannaan dubartootni AGP II keessatti qaban daraan olaanaa ta’uu ibsuun gara fuulduraatti caalmaan cimanii akka hojjachuu qaban ibsaniiru. Itti aansuunis Ob. Xilahuun Gannatii mata duree ‘women empowerment’ dubartoota haala kamiin gahoomsuun akka danda’amurratti waraqaa qorannoo dhiyeessuun qorannoo dhiyaaate kanarrattis mariin bal’aa ta’e taasifameera. Ob. Magarsaa Dhaabaas mata duree ‘Role of nutrition for children and women during the first 1000 days after delivery’ kan jedhu irratti hirmaattotaaf ibsa bal’aa kennaniiru. Dabalataanis, mata duree ‘Agricultural research technologies for rural women’ mata duree jedhu kan dhiyeessan Dr.Soofiyaa Kaasaa yoo ta’u; waraqaa qorannoo isaan dhiyeessan irrattis hirmaattotaan mariin gadi fagoo ta’e geggeeffameera.

Waraqaalee qorannoo dhiyaatan irrattis hirmaattootni gaaffiifi yaada qaban bal’inaan kaasuun irratti mariyataniiru. Marii kana boodas Badhaasni dubartoota qote bulaa adda duree ta’an kan naannoolee Oromiyaa aanolee adda addaa keessaa walitti bobba’an kudhaniif badhaasni kennameera. Meeshaaleen isaan badhaafamanis teknoolojii qorannoon argamaniifi fuulduraaf dubartootnis fayyadamoo teknoolojii qorannoo ta’uu akka danda’an kan agarsisudha.

Dhumarrattis, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaarraa kan dhufaniin hirmaattoota sagantichaaf maalummaa March 8 fi dhuftee isaarratti ibsi bal’aan kennamuun qophichi xumurameera.