Submitted by Manager on Tue, 01/17/2023 - 14:28
Qonna Ammayyeessuu Keessatti Shoorri Qorannoo Olaanaadha
********************
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Haroo sabbuu teknoolojiiwwan adda addaa qonnaan bultoota biraan gahuun jiruufi jireenyi isaanii akka jijjiiramu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphataa tureera.
Haaluma kanaan bara kanas hojiilee qorannoo geggeessaa jiruun bu'aan gaariin argamaa jira
Submitted by Manager on Fri, 01/06/2023 - 14:28
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Beeddellee sanyii qamadii 'kingbird' jallisiin aanaa Cooraa ganda Sibbootti facaasaa eegalee jira.
Submitted by Manager on Fri, 01/06/2023 - 14:26
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraatti gareen Kuduraafi Muduraa qorannoo Mixaaxisha (Bakulee) irratti geggeessaa jiruun bu'aan gaariin argamaa jira
Submitted by Manager on Fri, 01/06/2023 - 14:25
Hanqina Sanyii Qamadii Furuuf Hojjatamaa Jira
**********
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Fadisiin godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Abaadir jedhamutti hanqina sanyii qamadii godinichatti mul'atu furuuf sanyiin qamadii 'King Bird' jedhamu jallisiin lafa heektara 60 irratti omishamaa jira.
Hojiin kunis qorannoon deeggaramee hojii hojjatamaa jiruufi qorattootni giddugaleessichaa waliin ta'uun hojii hojjatamaa jirudha.
Submitted by Manager on Mon, 12/26/2022 - 11:30
Omishaa fi omishtummaa Qamadii Jallisii dachaan dabaluuf Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojii haaraa Midhaanii fi Xaa'oo waliin facaasu qonnaan bultootaaf dhiyeessuu beeksise.
gabaasni kan OBN
Submitted by Manager on Mon, 11/28/2022 - 10:54
Guyyaan Daawwannaa Dirree Geggeeffame
***********************
Giddugaleessi Qoarannoo Qonna Sinaanaa hojiilee teknoolojii Midhaanii oyruu qonnaan bulaafi buufata qorannoo irratti babal’isaa jiru bakka Hoggantootni, qonnaan bultootnii fi qooda fudhattootni argamanitti Sadaasa 17/2015 daawwachiise. Teknoolojiiwwan daawwatamanis qamadii Paastaa, Makoronii fi Daabboo deeggarsa AGP-IIn lafa heektara 45 irratti babal’ifaamaa jiranidha.
Submitted by Manager on Mon, 11/21/2022 - 15:16
Teknoolojiin Bunaa Qorannoon Bahe Jiruufi Jireenya Omishtoota Bunaa Jijjiiruu Keessatti Qooda Olaanaa Qaba
********
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraan teknoolojiin Bunaa qorannoon bahe qonnaan bultoota biratti jijjiirama olaanaa fidaa jira. Qonnaan bultootni fayyadamoo teknoolojii kanaa ta'anis omishaafi omishtummaa bunaa dachaan dabaluufi gabaarrattillee buna dorgomaa ta'e dhiyeessuu keessatti shoora olaanaa kan qabudha.
Kana malees, giddugaleessichi omisha Kuduraa fi Muduraa irrattillee qorannoo geggeessuun teknoolojiiwwan hedduu hawaasa biraan gahaa jira.
Submitted by Manager on Thu, 11/17/2022 - 11:37
Qotee/Horsiisee Bulaa Teknoolojii Qonnaan Deeggaruuf Qorannoon Geggeeffamaa Jiru Cimee Itti Fufeera
************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa giddugaleessota qorannoo kudha torba kan haala qilleensaa (Agro-ecology) adda addaa keessatti hundaa'anii qorannoo geggeessaa jiraniin jiruu fi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa jijjiiruuf teknoolojiiwwan qorannoon argate hedduu hawaasa biraan gahuun fayyadammoo taasisaa jira.
Submitted by Manager on Mon, 10/31/2022 - 15:31
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaafi Yunivarsiitiin Jimmaa Sanada Waliigaltee Mallatteessan
******************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaafi Yunivarsiitiin Jimmaa qindoominaan hojii qorannoo waliin hojjachuuf sanada waliigaltee waliif mallatteessan.
Sanadni waliigaltichaas Pirezidaantii Yunivarsiitii Jimmaa kan ta'an Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa fi IQQO bakka bu'uun saganticha irratti kan argaman Dr. Yaared Mardaasaatiin mallattaa'eera.
Submitted by Manager on Mon, 10/24/2022 - 14:26
Deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II) Hojiin Omisha Sanyii Qamadii Baay’ifamaa Ture Daawwatame
****************