Submitted by Manager on Thu, 09/01/2022 - 14:17
Qorannoo Geggeeffamuuf Eegumsiifi Kunuunsi Hojii Qorannoo Keessaa isa Ijoodha
******************
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee hojii qorannoo geggeessaa jiruun teknoolojiiwwan Midhaan gosa adda addaa kunuunsaafi eegumsa barbaachisu taasisuun bu'aa argamu caalmaan dabaluuf hojjachaa jira.
Submitted by Manager on Tue, 08/23/2022 - 11:57
Tishuu Kaalchariin Biqiltuun Muuzii Baay'ifamaa jiru Galma Gahiinsa Inisheetiivii Muuziif Gumaacha Olaanaa qaba
***********************
Tishuu Kaalchariin Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu hojii Inisheetivii Muuzii akka naannootti karoorfamee hojjatamaa jiru milkeessuuf biqiltuu Muuzii kumaatamaan Giddugaleessicha keessatti baay'ifamaa jira.
Submitted by Manager on Tue, 08/16/2022 - 11:09
Teknoolojiin Qorannoon Dhiyaatu Guddina Qonnaaf Murteessaadha
Qonni utubaa dinagdeefi jireenya hawaasa Oromiyaafi Itiyoophiyaati. Haata’u malee, jiruufi jireenyi qotee/horsiisee bulaa jijjiiramuu hin dandeenye. Kunis sababa qonni teknoolojiin deeggaramee hojjatamaa hin turreefidha. Ta’us waggoottan muraasaa asitti teknoolojii qorannoon argame fayyadamuun jijjiiramni qonna irratti mul’ataa dhufeera.
Submitted by Manager on Mon, 08/15/2022 - 12:20
Jallisiin Saliixa Omishuun Omishaafi Omishtummaa Dachaan Dabala
Omishaafi omishtummaa Saalixii dabaluuf qoodni jallisiin qabu olaanaadha. Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Baakkoo yaalii geggeessaa tureenis callaan argame dachaan kan dabale ta’uu qorannoo geggeessaa tureen mirkaneeffateera. Haaluma kanaan Giddugaleessichi bara 2014 keessaa jallisiin Saliixni omishame kuntaala 20 ol heektararraa kan argamu yoo ta’u; hanga yeroo dhiyootti omisha gannaarraa giddugaleessaan kuntaala 7 heektararraa argamaa kan ture ta’uun beekamaadha.
Submitted by Manager on Thu, 08/11/2022 - 12:06
Bu’aan Qorannoo Qonnaa Gochaan Kan Mul’atudha
Hojiin qorannoo bu’aa bayii hedduu kan qabu yoo ta’u aarsaa fi of kennanii nuffii malee hojjachuu barbaachisa. Haata’u malee, hojiin qorannoo qonnaa hojii yeroo gabaabaa keessatti bu’aan isaa mul’atu osoo hin taane kan yeroo dheeraa gaafatudha.
Submitted by Manager on Mon, 08/08/2022 - 11:52
Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Milkeessuu Keessatti Qoodni Qorannoo Daraan Olaanaadha
Jiruu fi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo Oromiyaa jijjiiruuf kutannoon qonna irratti qorannoo geggeessaa kan jiru IQQOn Giddugaleessota Qorannoo kudha torba (17) haala qilleensaa/agro-ecology adda addaa keessatti hundeessee hojii teknoolojii Maddisisuu, Madaksuufi raabsuu erga jalqabe waggoottan kurnan lamaan darbanitti teknoolojii qonnaa qorannoon mirkanaa’an kumaatamaan lakkaa’aman hawaasa biraan gaheera.
Submitted by Manager on Wed, 08/03/2022 - 13:55
Giddugaleessi Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Baakkoo teknoolojii xaafii sararaan facaasu kalaqee jira. Maashiniin kunis motoraan kan hojjatuu fi yaaliirra kan jirudha.
Submitted by Manager on Mon, 07/25/2022 - 09:34
Gamaggamni Raawwii Karoora bara 2014 fi Qophii Karoora 2015 Geggeeffamaa ture Goolabame.
*******************
Gamaggamni karoora raawwii hojii kan bara 2014 fi qophiin karoora bara 2015 IQQO tti guyyoota lamaaf Adoolessa 14-15/2014 geggeeffamaa ture milkaa'ina olaanaan goolabameera.
Submitted by Manager on Tue, 07/19/2022 - 10:34
Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Baakkoo Maashinii Boolla Biqiltuu qotu kalaqe
*****************
Wiirtuu Qorannoo, Kalaqaa fi Innooveeshinii kan ta'e Inistiitiyutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojii wayitaawaa jiruufi jireenya qonnaan/horsiisee bulaa naannoo Oromiyaa jijjiiruuf teknoolojii burqisiisuu, madaksuufi raabsuun qonna naannichaa ammayyeessuu keessatti qooda leencaa bahachaa tureera.
Submitted by Manager on Mon, 07/04/2022 - 16:31
ODUU SIMBIRTUU
Inistiitiyuutiin Oorannoo Qonna Oromiyaa Sanyiilee Midhaan Gosa adda addaa 14 gadi lakkise
****************************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa Giddugaleessota Qorannoo Qonnaa afur Sinaanaa, Baakkoo, Booree fi Adaamii Tulluutiin sanyiilee midhaan gosa adda addaa omishaafi omishtummaa dabalan, akkasumas; dhukkuba dandamatan kora Adaamaatti Koree Mirkaneessa Sanyii Biyyoolessaan (NVRC) taa'ameen gadi lakkifamaniiru.