............................................................

Ogeessota Qonnaa fi Qonnaan Bultootaaf haala Qabiinsaa fi Omisha Bunaa irratti Leenjiin kenname

*********

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraatiin leenjiin Mata-duree ‘’Coffee protection, Management, Post-harvest Handling and Farmer Research Group(FRG)’' jedhu irratti Ogeessota Qonnaa Aanaa, Hojjattoota Misoomaa fi Qonnaan bultoota Araddaa Afurii namoota 70f Aanaa Malkaa Bal’ootti leenjiin kennameera.

Maxxansa Piroosidiingii bara 2022

Maxxansa Piroosiidiingii Daarektoreetii Qorannoo afur ( Daarektoreetii Qorannoo Midhaanii, Beeyladaa, Hawaas- dinagdee fi Ekisteenshinii qonnaa) link armaan gadii kanarraa argattu 

Piroosiidingii 

Selected Horticultural crops suitability map of Oromia

Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti sanyii qamadii jallisii boneetiin baay'isaa jira.

Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti sanyii qamadii jallisii boneetiin baay'isaa jira

Hojii geggeessaan Giddugaleessa Qorannoo Qonna Sinaanaa, Obbo Taammanee Miidhaksaa hojii qonnaa tibba roobaa qofa deeggaraa turre, gara jallisii boneettis fooyyessuun qonnaan bultoota gargaaraa jirra jedhan.

Kanaanis, eeggatummaa roobaa jijjiiruun,Aadaan hojii hawaasaa akka fooyya'uuf goone jirra jedhan.

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti Qorannoo geggeeffamaa jiru daawwatame.

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti qorannoo qaama biqilaarraa biqiltuu gosa adda addaa qaama biqiltuurraa baay'isuurratti hojjetamaa jiru Jila Pir. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa  durfamuun daawwatame.
Giddugaleessi kun waggoota lamaan darbanirraa eegalee biqiltuuwwan dhukkuba dandamachuu danda'an: Muuzii gosa sadii, buna gosa afur, anaanaasii, camcamee fi moosee qaama mukaarraa ogeessota qorannoo giddugaleessichaatiin baay'achaa jiru daawwachuun jajjabeessanii jiru.
 

Jilli Obbo Shimallis Abdiisaa PMNOtiin Durfamu hojii Misooma Qamadii Bonaan gaggeeffamaa jiru daawwatan.

Hojii misooma qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun Midhaan nyaataatiin of danda'uun Dhiibbaa biyya alaarraa dhufu dandamachuuf hojiin Boonsaan hojjetamaa jira. Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa PMNO.

Jilli Obbo Shimallis Abdiisaa PMNOtiin durfamu hojii misooma qamadii Bonaan gaggeeffamaa jiru G/Sh/Bahaatti argamuun daawwatan.

Qamadii jallisii marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma 350 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 260 qophaa'uun kana keessaa hanga ammaatti kuma 153 faca'uu Obbo Abarraa Worquu Hog. BQO ibsaniiru.

Notice

AGP-II proceedings since 2009 are available here 

http://iqqo.org/?q=content/agp-ii-proceedings

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis sanyii Bishiingaa fooyya'oo Aanaa Mi'eessootti Baay'isaa Jiruun Qonnaan Bultootni fayyadamoo ta'aa jiru

 

OBN Onkoloolessa 7,2014-Hojii nuti midhaan Nyaataan akka of dandeenyuuf hojjechaa jirrukeessatti deeggarsi Qorannoon Qonnaa Fadis nuuf taasisaa jiru olaanaadhaa jedhan jiraattoonni Aanaa Mi'essoo.

Biyya Dinagdeen of Dandeesse Ijaaruu Keessatti Qoodni Qorannoo Qonnaa Olaanaadha.

Biyya Dinagdeen of Dandeesse Ijaaruu Keessatti Qoodni Qorannoo Qonnaa Olaanaadha.

Biyya dinagdeen of dandeessee ijaaruufi badhaadhina fiduuf gaheen qorannoo qonnaa daraan olaanaadha. Kanuma mirkaneessuuf Giddugaleessonni qorannoo qonnaa IQQO hundi bonaafi ganna dhama’aa jiru. Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beddellees hojii omisha Gannaa kanaan oyruu qotee bulaa fi buufata qorannoo irratti yaaliiwwan geggeessaa jiruun milkii gaariirra jira.

 

....................................................................................

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Machaaraa Hojii Omisha Gannaatiin haala Abdachiisaarra Jira

Giddugaleessi Qorannoo Qonna Machaaraa hojii omisha gannaa bara kanaatiin milkii gaariirra jira. Giddugaleessichi qorannoowwan adda addaa geggeessuun teknoolojii fooyya’aa dhiyeessee jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa jijjiiruu keessatti qooda olaanaa qaba.