Hanqina Sanyii Qamadii Furuuf Hojjatamaa Jira

**********

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Fadisiin godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Abaadir jedhamutti hanqina sanyii qamadii godinichatti mul'atu furuuf sanyiin qamadii 'King Bird' jedhamu jallisiin lafa heektara 60 irratti omishamaa jira.

Hojiin kunis qorannoon deeggaramee hojii hojjatamaa jiruufi qorattootni giddugaleessichaa waliin ta'uun hojii hojjatamaa jirudha.