Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Misooma Biyyoo Fooyyessuuf Dhaabbata  Idil-Addunyaa DBFZ Waliin Hojii Eegale

Qorattoonni xaa’umma biyyoo biyya Jarman dhaabbata DBFZ irraa dhufan qorattoota Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waliin  marii guyyaa lamaa geggeessaniin karoora qorannoo xaa’ummaa biyyoo  fooyyessuuf gargaaran irratti muuxannoo wal jjjjiiruun karoora hojii bara 2016 qopheeffataniiru.

Haaluma kanaan Teknoolojiiwwan xaa’ummaa biyyoo dabalan, dhangaggaa’ummaa biyyoo fooyyessan biyya Jarmanii galchuu, akjkasumas; biyya keessatti omishuuf akkaataa danda’amu irratti qorannoo geggeessuuf wixineen qorannoo qophaa’uun hojiin eegalamee jira.

Dabalataanis dhaabbatichi laaboraatoorii qorannoo biyyoo Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa cimsuuf meeshalee laaboraatoorii fi deeggarsa baajata qorannoo gochuufis waliigalameera.

Kaayyoon piroojektichaas beekumsa jiru bu’uureffachuun biyyee oromiyaa keessaa mancaa’aa jiru deebisanii ijaaruuf kan gargaarudha.

Pirooktichis qabiyyeewwan gurguddoo afur kan of keessatti hammatedha. Isaanis, Ijaarsa Baayoogaazii, Daaraa (baayoocharii), Kompoostii qopheessuu fi Paayirolisisii akka midijaatti gargaaramuudha.