Loon Booranaa Hongeerraa Baraaruuf Giddugaleessa Qorannoo Horattootaa fi Qonna Gammoojjii Yaa'a bal'ootti kunuunsi Taasifamaa Jira

****

Deeggarsa Biiroo Qonnaa Oromiyaa, giddugaleessota qorannoo IQQO fi godina Booranaarraas deeggarsa taasifameen loon baraaruun danda'ameera jedhan geggeessaan giddugaleessichaa Dr. Darajjee Tashoomaa.

Giddugaleessichi qorannoo geggeessaa jiruunis sanyiin loon Booranaa akka hin badneef halkanii guyyaa qorattoota waliin hojjachaa jiraachuu beeksise.

Dabalataanis, qaamolee hanga ammaatti deeggarsa taasisaa turan galateeffachuun fuulduraafis deeggarsi kan isaan barbaachisuufi nyaatni beeyladaa dhumaa jiraachuu ibsuun deeggarsa gaafataniiru.

Kanaafuu, ammas loon kana baraaruuf lammiileen hundi nu cina akka dhaabbattan jechuun giddugaleessichi waamicha dhiyeesseera.