
Teknoolojiin Qonnaa Qorannoon Bahaa Jiru Omishaa fi Omishtummaa Dabaluu Keessatti Qoodni Qabu Gochaan Mul’ataa Jira
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa qorannnoo geggeessaa tureen hanga ammaatti teknoolojiiwwan hedduu qotee/horsiisee bulaa biraan gahuun jiruu fi jireenya isaanii jijjiiruu keessatti shoora olaanaa taphateera. Haaluma kanaan waggoottan sadan darbanitti sanyii qamadii qorannoon bahan baay’isuun al-ergii qamadii milkeessuu keessatti qoodni qorannoo daraan olaanaa ta’uu mirkaneesseera.
Bara kanas hojii omisha qamadii jallisii daraan dabaluun giddugaleessota qorannoo waliin sanyii qamadii oyruu qonnaan bulaa irratti baay’isuun fayyadamoo taasisaa jira.
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellees godina Buunnoo Beeddellee aanaa Cooraatti sanyii qamadii ‘King Bird’ lafa heektara 10 irratti baay’isaa jiru hanqina sanyii qamadii furuu keessatti shoora olaanaa qaba.