Some of our researchers in research field
We do for maximizing productivity
IQQO Meeting Hall
Our research empowers women
Researcher at field
IQQO Meeting Hall
Sinana ARC

Gamaggamni yaaliiwwan wixinee qorannoo Guraandhala 9-14/2012 bakkeewwan sadii jechuunis Giddugaleessa Qorannoo Qonna Adaamii Tulluu, Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa fi Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii bishaan keessaa biroo Baatuutti geggeeffamaa ture milkiin goolabameera.

Gamaggama kanarratti waraqaalee qorannoo 723 akka waliigalaatti kan dhiyaatan yoo ta’u; haaluma kanaan Daarektara Qorannoo Midhaaniitiin waraqaa qorannoo 285;  Daarektara Qorannoo Beeyladaatiin waraqaa qorannoo 70;  Daarektara Qorannoo Qabeenya Uumamaatiin waraqaa qorannoo 214; Daaarektara Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaatiin waraqaa qorannoo 60; Daarektara Qorannoo Hawaas-dinagdeefi kisteenshinii qonnaatiin waraqaalee qorannoo 73;  akkasumas, Daarektara Qorannoo Saayinsii Nyaataatiin waraqaa qorannoo 21 dhiyaachuun gamaggamamaa turaniiru.

Dhumarrattis, hanqinaaleen mul’atan gara fuula duraatti akka sirreeffamaniif kallattiin kennamuun, akkasumas; ciminootni jiran akka itti fufan irratti mariyatamuun sagantichi goolabameera.