Some of our researchers in research field
We do for maximizing productivity
IQQO Meeting Hall
Our research empowers women
Researcher at field
IQQO Meeting Hall
Sinana ARC

.

Qormaatilee Injifachuun Waadaa Qotee/Horsiisee Bulaaf Galle Gochaan Dhugoomsineerra

***************

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa giddugaleessota qorannoo kudha torbaan (17) haala qilleensa adda addaa/agro-ecology/ keessatti qorannoo geggeessaa jiruun teknoolojii hudhaalee qonnaa furan kumaatamaan lakkaa'aman qotee/horsiisee bulaa biraan gahuun qonnarratti jijjiirama bu'uuraa fideera.

.

Rakkoo Hanqina Gurmuu Kanniisaa Furuuf Qorannoon Geggeeffamaa Jira

***************

Rakkoolee hanqina gurmuu Kanniisaa muudachaa jiru furuuf Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolataa gurmuu kanniisaa mala nam-tolchee “Grafting” jedhamu fayyadamuun haadhoo kanniisaa baay’isuun gara gaagura xiqqaa “Nuclei Box” jedhamutti dabarsuun hojjetamaa jira. Hojiin kun rakkoo hanqinaa gurmuu Kanniisaa jiru furuu keessatti qooda olaanaa qaba.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

.

Misooma Qurxummii Hara Dambal fooyyessuuf Hojjetamaa Jira

*****************                                                

Giddugaleessi Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii Bishaan Keessaa Biroo Baatuu omishaa fi Omishtummaa Qurxummii dabaluuf qorannoo adda addaa Naannoo Oromiyaa keessatti geggeessaa jira. Haaluma kanaan Haroo Dambal irrattis qorannoo qurxummii fi lubbbu-qabeeyyii bishaan keessaa biroo irratti geggeeffamaa tureen jijjiiramni olaanaan argameera.

.

Misooma Jallisii Teknoolojiin Deeggaruuf Hojjatamaa Jira

****************************

Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Baakkoo teknoolojii misooma jallisiif oolu yaalii Boqqoolloorratti taasiseen kan milkaa’e yoo ta’u; haaluma kanaan teknoolojiin kun misooma qamadii boneetiifis kan oolu ta’uu mirkaneeffateera. Akkasumas; teknoolojiin kun bifa salphaa ta’een bakkaa bakkatti sochoosuun lafa heektara bal’aa jallisiin misoomsuun ni danda’ama.

.

Teknoolojiin Qisaasama Bishaanii To'atu Kalaqame

***************

Teknoolojiin Jallisii qisaasama Bishaanii to’atu, humnaafi yeroo Qonnaan bultoota qusatu Giddugaleessa Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Baakkootiin kalaqameera. Qorannoo kanas yaalii jallisii Boqqoolloo irratti godhameen qisaasama bishaanii kan qonnaan bulaan fayyadamuun wal bira qabnee yoo ilaallu dachaa oliin kan qisaasama bishaanii hir’isu dha.

 

.

Maashiniin Qamadii Sararaan Facaasu Jiruufi Jireenya Qonnaan Bultootaa Fooyyessuu Keessatti Shoora Olaanaa Qaba

*************

Giddugaleessi Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Asallaa teknoolojii qamadii sararaan facaasu kalaquun qonnaan bultoota biratti babal'isaa tureera. Haaluma kanaan maashinii qamadii sararaan facaasu kalaqee hojiilee jallisii misooma qamadii irratti dhiyeessuun hawaasa qonnaan bulaa fayyadamoo akka ta'an taasiseera.

 

.

Qorannoo Geggeeffamaa Jiru Milkeessuuf Qaamoleen Qooda Fudhattootaa Gahee Isaanirraa Eegamu Bahachaa Jiru

******************

Qorannoo geggeeffamaa jiru galma barbaadame akka gahuuf hoggantootni, qorattootni, qaamoleen deeggarsaa, hojjattootni deeggarsaa Inistiitiyuutiifi Giddugaleessaa gaheesaanii bahachaa jiru.

Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu buufata qorannoofi oyruu qonnaan bulaa irratti yaaliiwwan adda addaa geggeessaa jiru.

 

.

Hanqinni Roobaa Mudatus Balaa Osoo Hin qaqqabsiisiin To'achuun Danda'ameera

************

Hanqina roobaa bara kana godina Harargee Bahaa mudate dandamachuun Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis aaanaalee godinichaa adda addaa keessatti sanyiilee midhaan hanqina roobaa dandamachuun yeroo gabaabaa keessatti gahan oyruu qonnaan bulaarratti agarsiisaafi babal'isaa tureen bu'aan gaariin argamaa jira.

Kutannoofi cimina hojjattoota giddugaleessichaan hanqina roobaa mudate dandamachuun hojiilee qorannoo baraaruun danda'ameera.

 

Qonna Makaanaayzeshinin Deeggarametu Jijjiirama Bu'uuraa Fida

Qonna Makaanaayzeshinin Deeggarametu Jijjiirama Bu'uuraa Fida
***********
Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Jimmaa teknoolojiiwwan gara garaa kan humnaa fi yeroo qusatu omishuun fayyadamtoota biraan gahaa jira. Teknoolojiiwwan kalaqamanii qonnaan bultootni itti fayyadamaa jiran keessaa maashiniin Qamadii calleessu (Wheat thresher) isa tokko. Maashiniin kunis giddugaleessichaan kalaqamee fayyadamtoota bira gahuun jiruufi jireenyi isaanii akka jijjiiramu taasiseera.

Teknoolojiiwwan Qorannoon Bahan Babal'isuun Fayyadamummaa Qotee/Horsiisee Bulaa ni Mirkaneessina

Teknoolojiiwwan Qorannoon Bahan Babal'isuun Fayyadamummaa Qotee/Horsiisee Bulaa ni Mirkaneessina
*************
Giddugaleessonni qorannoo teknoolojiiwwan qorannoon argatan qotee/horsiisee bulaa biratti babal'isuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa bahachaa turaniiru. Haaluma kanaan bara kanas Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee oyruu qonnaan bulaa irratti sanyii midhaan gosa adda addaa baay'isaa jira.