Some of our researchers in research field
We do for maximizing productivity
IQQO Meeting Hall
Our research empowers women
Researcher at field
IQQO Meeting Hall
Sinana ARC

Teknoolojiiwwan Qorannoon Bahan Babal'isuun Fayyadamummaa Qotee/Horsiisee Bulaa ni Mirkaneessina
*************
Giddugaleessonni qorannoo teknoolojiiwwan qorannoon argatan qotee/horsiisee bulaa biratti babal'isuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa bahachaa turaniiru. Haaluma kanaan bara kanas Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee oyruu qonnaan bulaa irratti sanyii midhaan gosa adda addaa baay'isaa jira.
Giddugaleessichi sanyii filatamaa Boqqoolloo BH-547 yeroo ammaa lafa hektaara 25 irratti sagantaa FSRP'n kilaasteraan aanaa Beddellee ganda Ambaltaatti babal'isaa jira. Akkasumas; sanyii filatamaa xaafii 'Kuncho' aanaa Beddellee ganda Ilkee Qararoo lafa heektara 15 irratti; sanyii Xaafii 'Dursi' aanaa Dhidheessaa ganda Yemberootti lafa hektaara 27 irratti baay'isaa jira. Walumaagalatti kilaasterri Xaafii sagantaa FSRP'n hojjetamaa jiru lafa hektaara 43 irratti babal'ifamaa jira.