Hubannoo fi Ogummaa Misooma Kannisaa Daraan Cimsuuf Hojjatamaa Jira

********************

Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolataa qorattoota buleeyyii qabu fayyadamuun misooma Kanniisaa irratti qonnaan bultootaafi qaamolee horsiisa Kanniisaa irratti bobba'aniif leenjii ogummaa kennuun hubannoo isaanii cimsaa bu'a qabeessa akka ta'aniif hojjataa jira. Haaluma kanaan, dhaabbata “Environmental, Biodiversity and Climate Change Forum (EBCCF) waliin ta’uun leenjii ogummaa ogeessotaa misoomaa aanaa Liiban Cuqqaalaatiif leenjii bu’uraa kenneera.

Dabalataanis, Giddugaleessichi leenjii horsiisa Haadhoo Kannisaa dhaabbata ‘Goal Ethiopia’ jedhamu waliin ta’uun hojjettoota dhaabbatichaa fi ogeessota Waajjira Qonnaa Aanolee saddeet irraa dhufaniif leenjii ogummaa kenneera. Leenjii kana irrattis miseensota maatii kanniisaa fi gahee isaan walhormaata Kanniisaa keessatti qaban, barbaachisummaa mootii Kanniisaa horsiisuu ykn maatii kanniisaa baay’isuu, waqtii horsiisaa mootii fi wantoota mootii horsiisuuf barbaachisu dabalatee maloota mootii kanniisaa horsiisuuf barbaachisan agarsiisa ogummaatiin kan deeggarame leenjiin gahaan qooda fudhattootaaf kennameera.